Dhukkuba sombaa daa’immanii jechuun gosa infeekshinii sirna hargansuu gara gadii tahee fi cimaa kan somba miidhudha. Sombi kiisha xixiqqoo alveoli jedhaman irraa kan ijaarame yoo ta’u, isaanis yeroo namni fayyaa ta’e hafuura baafatu qilleensaan guutamu. Dhukkuboota du’a daa’imman waggaa 5 gadii fidan hunda keessaa dhukkubni sombaa isa tokkodha. Dhukkubni sombaa kunis vaayirasii, baakteeriyaa ykn fangasiitiin dhufuu danda’a. Dhukkubni sombaa talaallii, soorata gahaa fi qulqullina naannoo eeguun ittifamuu danda’a.
Qabatama dhukkuba sombaa daa’imman irratti
Dhukkubni sombaa addunyaa irratti sababa du’a daa’immanii daddarboo tokkicha. Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa addeessuti dhukkubni sombaa bara 2019tti daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’e 740,180 kan ajjeese yoo ta’u, du’a daa’imman waggaa 5 gadi ta’an hunda keessaa 14% yoo ta’u, du’a daa’imman waggaa 1 hanga 5 jiran hunda keessaa 22% ta’a. Dhukkubni sombaa bakka hundatti daa’immanii fi maatii kan miidhu yoo ta’u, duuti daa’immanii garuu kibba Eeshiyaa fi Biyyoota Afrikaa odola Sahaaraa gadiitti baay’inaan mul’ata.
Sababoota dhukkuba sombaa daa’immanii!
Dhukkubni sombaa vaayirasii, baakteeriyaa fi fangasii dabalatee wantoota daddarboo hedduudhaan kan dhufudha. Kanneen baay’inaan mul’atan kanneen armaan gadiiti.
Streptococcus pneumoniae dhukkuba sombaa baakteeriyaa daa’imman irratti baay’inaan dhufudha.
Haemophilus influenzae type b (Hib) sababa dhukkuba sombaa baakteeriyaatiin dhufu isa lammaffaadha.
Vaayirasiin sirna hargansuu (respiratory syncytial virus) sababa vaayirasii dhukkuba sombaa baay’inaan mul’atudha.
Daa’imman HIVn qabaman keessatti, Pneumocystis jiroveci sababoota dhukkuba sombaa baay’inaan mul’atan keessaa tokko yoo ta’u, yoo xiqqaate du’a dhukkuba sombaa daa’imman HIVn qabaman hunda keessaa harka afur keessaa tokkoof itti gaafatamummaa qaba.
Daa’imman akkamiin dhukkuba sombaan qabamuu maluu?
Dhukkubni sombaa karaa hedduudhaan babal’achuu danda’a. Vaayirasiin fi baakteeriyaan yeroo baay’ee funyaan ykn qoonqoo daa’imaa keessatti argaman yoo afuura baafaman somba bira deemuun infeekshinii uumuu danda’u. Akkasumas karaa copha qilleensaa yeroo qufaa ykn haxxiffannaa irraa dhufuun babal’achuu danda’u. Kana malees, dhukkubni sombaa karaa dhiigaatiin babal’achuu danda’a, keessumaa dahumsaa booda.
Daa’imman dhukkuba sombaaf saaxiluu danda’aa?
Daa’imman fayyaa ta’an baay’een isaanii ittisa uumamaa isaaniitiin dhukkuba kana ofirraa ittisuu kan danda’an yoo ta’u, daa’imman sirni ittisa qaamaa isaanii balaadhaaf saaxilame ammoo dhukkuba sombaatiin qabamuuf carraa guddaa qabu.
Daa’imman harma haadhaa qofa osoo hin hodhiin hafan
Hanqina nyaataa ykn nyaata gadi aanaa
Dhukkuboonni duraan turan kan akka HIVn qabamuu fi gifiraa
Faalama qilleensa mana keessaa boba’aa nyaata bilcheessuun
Maatiin tamboo xuuxuu
Mana tokko keessa walitti baayyachuu maatii
Talaallii akka fudhatan gochuu dhabuu
Aduutti baasuu dhabuun hanqina vaayitaminootaaf saaxilamuu fa’a.
Xuuxxoon fayyadamuu
Mallattoolee dhukkuba sombaa daa’imman irratti
Mallattoon dhukkuba sombaa vaayirasii fi baakteeriyaan dhufuu walfakkaachuu danda’a. Haa ta’u malee, mallattoon dhukkuba sombaa vaayirasii mallattoolee sombaa baakteeriyaa caalaa baay’achuu danda’a.
Daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi:-
Qufaa
Hafuura baafachuun rakkachuu,
Ho’a qaamaa qabaachuus qabaachuu dhiisuus malu.
Aaduu
Daddaffiin harganuu
Ol deebisuu
Garaa kaasaa fa’a tahuu mala.
Dhukkuba sombaa
Daa’imman bicuu waggaa tokkoo gadi irratti:-
Harma hodhuu dadhabuu ykn inumaa dhaabuu
Of wallaaluu
Ho’a qaamaa ol ka’aa ykn immoo ho’i qaamaa gadi bu’uu dabalata
Qufaa
Harganuu
Aaduu
Ol deebisuu fi garaa kaasaa
Wal’aansa isaahoo maalii?
Wal’aansi dhukkuba sombaa daa’imman irratti cimina dhukkubichaa irratti hundaa’a. Dhukkuba sombaa salphaa yoo tahe farra baakteeriyaa bifa shirooppiin fudhachuun gahhadha. Dhukkuba sombaa cimaa yoo tahe garuu karaa hidda dhiigaa fudhachuu qabu.
Erga hakiima ofii agarsiisnee booda akkaataa ajaja hakiimaan fudhachuu barbaachisa; adda muruun daa’ima ofii irratti rakkoo dhaluudha.
Dhangala’aa dabalataa kennuu
Daa’imman harka hodhan hanga duraa irra daddafnee hoosisuu qabdu.
Nyaata madaalamaa akka argatan gochuu.
Qoricha ho’a qaamaa hir’isu akkaataa ajaja hakiimaan kennuu qabna.
Boqonnaa gahaa akka argatan gochuu qabna
Tooftaalee Ittisa dhukkuba sombaa
Dhukkuba sombaa daa’immanii ittisuun tooftaa du’a daa’immanii hir’isuuf qophaa’e keessatti qaama barbaachisaa dha. Tooftaaleen armaan gadiis ni jiru. Isaanis:-
Talaalliin Hib, pneumococcus, measles fi peerchuusis jedhamu dhukkuba sombaa ittisuuf karaa hunda caalaa bu’a qabeessa ta’edha.
Nyaanni gahaan ittisa uumamaa daa’immanii fooyyessuuf furtuudha, ji’oota 6 jalqabaa jireenya isaanii keessatti harma qofa hoosisuu.
Nyaata madaalaa akka sooratan gochuu
Vaayitaaminoota akka vaayitaminii D aduu irraa argatanii fi soorata keessa akka argatan gochuu
Qulqullina naannoo fi dhuunfaa eeguu.
Dhimma naannoo kan akka faalama qilleensa mana keessaa fi mana namaan guutame keessatti qulqullina gaarii jajjabeessuu
Tuttuqqii daa’imman fi namoota gurguddoo dhukkuba kanaan qabamanii fi utaalloon qabaman dhiisuu qabu.
Daa’imman xixiqqoo waggaa tokko gadii irratti xuuxxoo fayyadamuu dhiisuu fa’a.
Tamboo mana keessatti xuuxamu irraa fageessuu
Aara mana keessaa hir’isuu (Cilee, nyaata mana keessatti bilcheessuu fi naafxaa bobeessuu fa’a dabalata)
Daa’imman HIVn qabaman hordoffii barbaachisu gochuun qorichoota barbaachisan akka argatan gochuu.
Harka dhiqachuu
Yoom hatattamaan mana yaalaa geessuu qabnaa?
Akkuma armaan olitti ibsame dhukkubni sombaa du’a daa’immaniif sababa tokkodha. Kanaafuu mallattoolee armaan gadii yoo argine hatattamaan mana yaalaa geessuun du’a daa’imaa hambisuudha. Isaanis:-
Daddaffiin harganuu, aaduu, jeeqamuu
Harma hodhuu ykn nyaata nyaachuu hir’isuu/dhaabuu
Ol deebisuu walitti fufaa tahee
Garaa kaasaa irra deddeebbiin dhufu
Of wallaaluu
Erga qoricha eegalee guyyaa lama keessatti fooyyee agarsiisuu yoo dhabe
Erga qoricha eegalee gidduun mallattoo addaa yoo mul’ise
Qoricha ajajame yoo akka ajajameen fudhachuu didan.
コメント