top of page
Writer's pictureSabona Lemessa

Daa’imman Xuuxxoo hoosisuu rakkoo qaqqabsiisaa?

Daa’imman Xuuxxoo hoosisuu furmaata dhumaa tahus maatiiwwan hedduun meesha kanatti fayyadamuun daa’imman isaanii aannan harma haadhaas tahu nyaata biraa ittiin kennu. Sababoota garaagaraan yeroo maatiin daa’imaa Xuuxxoon hoosisan hedduuminaan ni mul’ata. Fakkeenyaaf:- haati daa’imaa yoo lubbuun dabarte, aannan harma haadhaa gahaa miti jedhanii yaaduun, haati sababa hojiin yoo daa’ima hoosisuu dhiistu fi maloota daa’ima nyaachisuun danda’amu beekuu dhabuu irraas ni madda.

Haa ta’u malee, akka dhaabbanni fayyaa addunyaa fi qorannoon adda addaa mul’isutti Xuuxxoon hoosisuun kan hin eeyyamamnee fi rakkoolee hedduu kan qabudha. Rakkooleen garaagaraa Xuuxxoon/harmoon hoosisuun dhufan ni jiru. Sababni isaas:-

  1. Qulqullinaan qabuu dhabuu.

  2. Qulqullina dhuunfaa namoota nyaata sana qopheessanii.

  3. Xuuxxoon wal hormaata baakteeriyaa fi jarmootaaf mijataa tahuu isa.

  4. Hubannoo dhabuu akkaataa qulqulleessuu xuuxxoo.

  5. Nyaata hanga eegamuu ol keessaa tursiisuun jarmootaaf akka saaxilamu gochuu fa’a.

rakkooleen daa'imman xuuxxoo hoosisuu maalii

Daa’imman xuuxxoo hoosisuu

Rakkoolee daa’imman Xuuxxoo hoosisuun wal qabatu

  1. Infeekshinii garaagaraaf saaxilamu.

  2. Dhibee garaa kaasaa fi qaamota hargansuuf saaxilamu.

  3. Jaalalli haadhaa fi daa’ima gidduu jiru xiqqaachuu mala.

  4. Hanqina nyaataa infeekshinii yeroo dheeraan dhufuun.

Eeggannoo yeroo daa’imman Xuuxxoo hoosisnu gochuu qabnu maal fa’aa?

Daa’imman keenya maloota biraa fayyadamuun obaasuun isa jalqabaa tahuu qaba. Innis kanneen akka finjaalaa fi fal’aanaa filannoo jalqabaa tahuu qaba. Haalli argaan olii rakkisuu fi daa’ima barsiisuun yeroo fudhachuun kan Xuuxxoon hoosisuu filatan hedduu waan taheef eeggannoo barbaachisu gochuu qabu. Eeggannoon kunis Wiirtuu ittisaa fi to’annoo dhukkubootaan kan raggaasafamanii fi haala salphaan raawwachuu kan danda’amudha.

  1. Xuuxxoon/Harmon yeroo meeqa dhiqamuu qaba?

  2. Xuuxxoon/harmoon dabaree daa’ima keenya obaasneen booda yeroo hunda dhiqamuu qaba.

  3. Yoo aannan haadhaa/ xaasaa qophaa’e sa’aatii 2 keessatti xumuruu baate gatuu/darbuu qabna.

  4. Xuuxxoo/harmoo qulqulleessuu

  5. Harka keenya saamunaa fi bishaaniin sirriitti sekoondii 20’f dhiqachuu

  6. Xuuxxoo bakka bakkatti adda adda baasuu

  7. Xuuxxoo adda adda baasne sana bishaan fiigu (running water) jalaqabuun akka qulqulla’u gochuu (bishaan ho’aas tahu qorraa fayyadamuu dandeenya).

  8. Xuuxxoo adda adda baasne meeshaa qulqulluu biraa keessaa kaahuu

  9. Achii booda bishaan ho’aa fi saamunaa itti dabaluu

  10. Rigduu (brush) qulqulluun wantoota xuuxxoo sana irra jiran riguun akka gadhiisu gochuu

  11. Bishaan fiixee xuuxxootti (nipple) naquun qaawwa fiixee xuuxxoo akka qulqullaa’u gochuu.

  12. Isa booda xuuxxoo adda adda baasne sana baasuun bishaan qulqulluu fiigu jala qabuun akka qulqullaa’u gochuu.

  13. Achii booda meeshaa qulqulluu kan bishaan hin qabne keessaa kaa’uun akka gogu gochuu.

  14. Meeshaa keessatti dhiqnuu fi rigduu bishaanii fi saamunaa fayyadamuun qulqulleessuudha.

Akkaataan daa’imman xuuxxoo hoosisuu qabnu maalii?

  1. Xuuxxoo/harmoo aannan haadhaa ykn aannan xaasaan alatti waan biroof fayyadamuu hin qabnu.

  2. Daa’ima tasgabbeessuu qabna

  3. Yeroo hedduu beela’uu ykn quufu tahuu hin qabu; kana jechuun sa’aatii nyaataa isaanii sirriitti hordofuu qabna,

  4. Yogguu hoosisnutti daa’ima ofitti butanii qabuu qabna

  5. Xuuxxoo kallattumaan afaan keessaa kaahuu hin qabnu, kana jechuun xuuxxoo sana dalgeessuun daa’imni ofii isa keessaa xuuxee fudhahuu qaba jechuudha.

  6. Yeroo hoosisaa jirrutti xuuxxoo/harmoo sana daa’ima ofii gargaarree qabuu qabna; afaan keessaa kaahanii dhiisuun rakkoolee akka fe’amuu, infeekshinii keessoo gurraa, caccabuu ilkaanii fiduu mala.

  7. Xuuxxoo aannan xaasaa qabu daa’immanitti kenninee raffisuu hin qabnu.

  8. Daa’imni quufuu isa erga irratti beeknee dirqiin obaasuuf yaaluu hin qabnu

  9. Daa’imni keenya gidduutti boqochuu kan barbaadu yoo tahe akka boqotu gochuu qabna.

  10. Mallattoolee quufuu quufuu daa’ima irratti ilaaluun dirqama; kana jechuun aannan qopheessine xumuruu baatus/baattus dhiisuu qabna.

3 views0 comments

Recent Posts

See All

Comments

Rated 0 out of 5 stars.
No ratings yet

Add a rating
bottom of page