Toonsilii daa’immanii akka baay’een keenya yaadne sanatti dhukkuba miti. Toonsiliin walitti qabama xannachoota xixiqqoo seelii uumamaan qaama keenya irraa dhukkuba ittisuuf gargaaraniidha. Innis utubaa qoonqoo keenya gara duubaa, arraba duuba, laagaa fi kutaalee funyaan keessaa gama duubaa wal qunnamsiisudha.
Gosoota tonsilii fi moggaasaalee isaanii
Toonsilii arraba duubaa irratti mul’atu (lingual tonsil).
Toonsilii laagaa irratti argamu (Palatine tonsil)
Toonsilii laagaa fi qaawwa keessoo gurraa gama duubaati argamu (Tubal tonsils)
Adenoids / pharyngeal tonsils (utubaa afaanii gubbaa fi gama keessoo funyaaniitti maxxanee kan argamudha) .
Toonsiliin kan uumama gaafa daa’imni gadameessa haadhaa keessatti uumamu torban jalqabaa 4-6 keessattidha.
Faayidaan Toonsilii daa’immanii maalii?
Baakteeriyaa afaanii fi funyaaniin seenan nurraa dhorkuudha. Isaanis qaama Tishuu limfooyidii membireenii wajjin walitti maxxananii jiranidha. Infeekshinii ittisuu keessatti iddoo guddaa qabu. Madinummaa jalqabaa (primary immunity) jarmoota nurraa eegan keessaa tokkodha.
Toonsilii daa’immanii fi huubni qoonqoo tokkodhaa?
Lamaanuu naannoo laagaa keessatti argamu. Garuu walitti dhufeenyi isaanii ollummaa malee tajaajilli kennan kan wal fakkaatu miti.
Huuba qoonqoo (Uvula):- Huubni qoonqoo qaama laagaa keessaa gadi rarraatee mul’attudha. Nyaata naannessuu, liqimsuu fi dubbii afaanii keessatti gahee guddaa kan qabudha; Toonsilii wajjin waan wal qabatu hin qabu.
Infeekshinii Toonsilii daa’immanii (Tonsillopharyngitis)
Dhibeen kuni yeroo Toonsiliin fi keessoon laagaa jarmootaan weeraramanidha.Jarmootni kunis Vaayiraasii, baakteeriyaa tahuu danda’u.
Vaayireesota dhukkuba toonsilii fidan
Adeenoovaayirasii,
Enterovirus,
Epstein-Barr virus,
Herpes virus
Measle,
Cytomegalovirus kan jedhamanidha.
Baakteeriyaa dhukkuba Toonsilii fidan
GABHS-baay’inaan mul’atan,
S.pyogens,
M.pneumonia,
Baakteeriyaa giraam negaatiivii keessaa tahan- (10-15%)
Mallattooleen Infeekshinii Toonsilii daa’immanii maal fa’aa?
Liqimsuu dadhabuu:
mataa dhukkubbii,
Dhiita’uu xannachoota naannoo mormaa keenyaa jiranii,
Yeroo rafiitii kurruufuu
qufaa
Infeekshinii Toonsilii daa’immanii
Karaalee daddarbinsa Infeekshinii Toonsilii
Dhangalaa yeroo hargansuu
Tuquudhaan
Infeekshiniin toonsilii baakteeriyaan dhufu daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa ol ta’e kan miidhu yoo ta’u, irra caalaan isaanii umuriin isaanii waggaa 5-15 gidduutti kan argamanidha. Daa’imman waggaa lamaa gadii irra caalaa infeekshinii Toonsilii Vaayirasiin dhufuun qabamu; carraan baakteeriyaan qabamuu xiqqaa tahus umurii waggaa tokkoo booda ni jiraata. Waggaa tokko dura garuu carraan infeekshinii toonsilii baakteeriyaan dhufuu qabamuu baayyee baayyee xiqqaadha.
Rakkoolee infeekshinii Toonsiliin wajjin walqabatan
Malaa kuufachuu naannoo Toonsilii (tonsillar and retropharyngeal abscess)
Infeekshinii haguugduu sammuu (Mmeningitis)
Dhukkuba Onnee gosa Rihuumatik jedhaman (Rheumatic heart diseases)
Dhukkuba Kalee (Post-streptococcal glomerulonephritis)
Dhiitahuu Toonsilii (adenotonsilar hypertrophy)
Wal’aansa infeekshinii Toonsilii daa’immanii maalii?
Jalqaba irratti, sababni isaa baakteeriyaa ykn vaayirasii ta’uu isaa adda baasuun barbaachisaadha. Karaalee adda baasuu dandeenyu kan armaan gadiiti. Isaanis:-
Yoo vaayirasii ta’e mallattoon utaalloo ni jiraatu; garuu, yeroo tokko tokko vaayirasii ta’ee jalqabee gara baakteeriyaatti jijjiiramuu waan danda’uuf of eeggannoo gochuu qabna.
Yoo malaa kan of irraa qabu tahe mallattoo baakteeriyaati garuu kanas mirkaneeffachuu barbaachisaa.
Yoo foon ilkaanii, hidhii ykn arrabni yoo kan dhukkubu tahe mallattoo vaayirasii ti.
Qorannoo seelii dhiiga adii fi kan kanaan walqabatu taasisuun
Wanta akka adii fakkaatu kan toonsilii irra faca’ee jiruu yoo tahe kan baakteeriyaan dhufudha.
Qoricha infeekshinii toonsiliif!
Dhukkubbii kan hir’isu fudhachuu/kennuu
Qoricha farra baakteeriyaa- Kuni sababni infeekshinii toonsilii yoo baakteeriyaa tahe qofa kennama.
Dhangala’aa gahaa fudhachuu fi boqonnaa.
bishaaniin ulachuunis faayidaa ni qabaata
Cuunfaa Burtukaana ykn loomii xuuxuun/akka dhugan gochuu faayidaa ni qabaata.
Madaa afaan keessaa yoo jiraatee fi dhukkubbiin kan rakkisu yoo tahe ashaboo bishaan bulluqetti dabaluun akka lulluuqatan gochuunis ni fayyada.
Comments