top of page

Ho’a qaamaa daa’immanii

Ho’a qaamaa daa’immanii mallattoo dhukkubaa yeroo baay’ee daa’imman irratti mul’atudha. Gubaan qaamaa yeroo ho’i qaamaa 37.5℃ ol tahudha. Ho’i qaamaa ofii isaan dhukkuba miti. Garuu mallattoo dhukkuboota hedduuti.

Ho’i qaamaa guyyaatti garaagarummaa akka qabu ni beekama, garuu qaamni ho’uu ykn qorraa ta’uu hin qabu. Garuu akkuma barame uffatni ykn waan ho’aa ykn qorraa nu goonu wajjin wal qabatee wantootni goonu ho’a qaama keenyaa ni sirreessu.

Kutaan qaamaa ho’insa qaamaa keenyaa to’atu, sirna narvii giddugaleessaa jalatti kan argamu haaypootaalaamisii dha. Haaypootaalaamis keessatti niwuroononni gosa sadii jiru. Isaanis:-

  1. Ho’insa qaamaan kan kakaafaman niwuroononni ija duraa (pre-optic neurons) (heat sensitiveneurons). Niwuroononni kun 20% yoo tahu, yeroo ho’i qaamaa ol ka’u hojii jalqabuu akkasumas yogguu ho’i qaamaa sirratu ni dhaabu.

  2. Niwurooniin qorraan kakaafaman (cold sensitive neurons)- 10%

  3. Kutaaleen narvii haaypootaalaamisii ho’insa fi qorruu qaamatiin hin kakaane (Temperature insensitive)- 70% kan haammatanidha.

Ho’i qaamaa yeroo dabalu hammi hormoonii taayirooyidii ni dabala, ujummoon dhiigaa babal’atee ho’a keessaa gara alaa akka faca’u taasisa. Sombi keenyas daddaffiin hojii isaa dalaguun ho’insi qaamaa akka hir’atu ni taasisu. Kan biraa immoo uffata uffannee jirru hir’isuun qorra qaamaa barbaaduuf waan taheef ho’i qaama keenyaa gara isa sirrii taheetti ni deebi’a jechuudha.

Ho’i qaamaa kan uumamu sababa dhukkubbii irraa kan ka’e keemikaalota adda addaa uumamaniin sirni to’annoo ho’a qaama keenyaa murteesssaniin ol taheen kan uumamudha.

Ho’a qaamaa daa’immanii akkamitti safaramuu qabaa?

  1. Afaan keessaa arraba jala kaahuun- Oral

  2. Hudduu/xiixuu keessa kaahuun- Rectal

  3. Keessoo gurraa keessa kaahuun

  4. Boobaa jala kaahuun

  5. Gurra duubaan kaahuun

  6. Dugda, garaa, adda irra harka keetiin tuttuquudhaan

Wanti hubatamuu qabu, ho’i qaamaa bakka itti safarame irratti hundaa’uun garaagarummaa qaba.

tooftaalee ho'a qaamaa daa'immanii safaruu dandeenyu

Ho’a qaamaa safaruu

Ka’umsi ho’a qaamaa daa’immanii maal ta’uu danda’a?

1. Yeroo qaamni keenya baakteeriyaa, vaayirasii, fangasii, infeekshinii maxxantuun fi kkfn qabamu.

2. Dhukkubbii buusaa qaama keenyaa kan madinummaa qaama keenyaan nutti dhufu

3. Sababii Qorichoota fi talaallii garaagaraa

4. Kaansarii garaagaraatiin

Ho’a qaamaa daa’immanii hunda yaaluu qabnaa?

Ho’i qaamaa hundi yaalamuu hin qabu. Ho’a qaamaa yaaluu osoo hin taane, dursa sababa isaa beekuun barbaachisaadha. Ho’i qaamaa baay’ee nama jeequ fi deddeebi’ee mul’atu yoo jiraate, yeroodhaaf akka gargaaru doktora mariisisuun gaariidha. Yoo ho’i qaamaa 39℃ ol ta’e qoricha tasgabbeessuu/hir’isu kennuun ni gorfama.

Yoom ogeessa fayyaa mariisisuu qabna?

  1. Daa’immanii reefu dhalatanii fi daa’imman xixiqqoo umuriin isaanii ji’a sadii gadi ta’e ho’a qaamaa kamiyyuu yoo qabaatan.

  2. Daa’imman umuriin isaanii waggaa sadii gadi ta’ee ho’a qaamaa giddu galeessa qaban.

  3. Ho’i qaamaa irra deddeebiin yoo mul’ate

  4. Ho’a qaamaa qorichaan gadi hin buune

  5. Ho’a qaamaa guyyaa sadii ol turuu

  6. Mallattooleen biroos yoo jiraatan

  7. Ho’a qaamaa gaggaabdoo waliinii

  8. Fedhiin nyaataa hir’achuu fi tapha hir’isu, jijjiirama amala, miira kunuunsa yeroo biraa caalaa barbaachisuu yoo qabaatan

  9. Dhukkuba tureeru kan akka Onnee, somba, dhukkuba sukkaaraa; dhukkubsattoota kaansarii, buusaalee fi daa’imman sirni ittisa qaamaa isaanii laafaa ta’e.

Ho’i qaamaa daa’immanii miidhaa geessisaa?

Ho’i qaamaa jechuun deebii qaamni keenya dhukkubaaf kennudha. Ho’i qaamaa hundi miidhaa hin geessisu. Yeroo ho’i digrii seentigireedii 41℃ ol ta’u miidhaa geessisuu mala. Miidhaan kan uumamu sababni ho’a qaamaa dafee adda baafamuu dhabuu fi dhukkubni ho’a qaamaa fide yaalamuu yoo dhabedha.

Akkaataa fayyadama qoricha ho’a qaamaa

  1. Qoricha malee yaaluu:-

  2. Uffata hir’isuu

  3. dhangala’aa gahaa kennuu, qaama bishaan ho’aan dhiqachuu,

  4. Boqonnaa fudhachuu

  5. Qorichi ho’a qaamaa hir’isu fayyadamuu:-

  6. Paaraaseetaamoolii/Paracetamol

  7. Aayibuupiroofiinii/Ibuprofen

Waa’ee ho’a qaamaa daa’immanii irratti ilaalcha dogoggoraa

  1. Sababiin gubaatii qaamaa busaa, toonsilii, taayifooyidii qofa jedhanii yaaduudhaan, ogeeyyiin kanaan ala akka yaadanii qorannoo akka hin taasiisneef karaa cufuu.

  2. Qorannoo tokko malee qoricha farra baakteeriyaa kennuu/fudhachuu.

  3. Ogummaa isaatiin ala ogeessa qorichaa akka hakiimaatti mariisisuu

  4. Ispoonjii alkooliitiin ho’a qaamaa gadi buusuuf yaaluu

  5. Ho’i qaamaa olka’aan hundi dhukkubbii cimaa wajjin akka dhufuutti fudhachuu

  6. Qoricha kiiloo/ulfaatina daa’imaa irratti hundaa’uun osoo hin taane umrii irratti hundaa’uun kennuu

0 views0 comments

Comments

Rated 0 out of 5 stars.
No ratings yet

Add a rating
bottom of page