top of page

Dhukkuba sukkaaraa daa’immanii

Dhukkuba sukkaaraa daa’immanii jechuun Yeroo dheeraaf yoo sukkaarri dhiiga keessaa dabalu jechuudha. Dhukkubni sukkaaraa dhukkuba umurii guutuudha. Hanga ammaatti qoricha filannoo malee qorichi fayyisu hin jiru. Dhukkubni sukkaaraa ittisuu fi hir’isuun ni danda’ama. Hormoononni faallaa lama kan xannacha rajiijiin oomishaman kanneen hamma sukkaara dhiigaa to’atan, insuliinii fi gilukaagooniidha.

Insuliinii

Nyaata booda hammi sukkaaraa dhiiga keessaa yeroo dabalu, xannacha keessaa gara dhiigaatti gadi lakkifamee, sukkaara yeroodhaaf hin fayyadamne maashaalee keenya: coomaa fi Tiruu keessa akka seenu gochuudhaan sadarkaa sukkaaraa sirreessa.

Gilukaagoonii

Yeroo hammi sukkaara qaama keenyaa gadi bu’u gilgaalayiin maashaa, Tiruu fi cooma keessatti kuufame gulukoosiin akka uumamu taasisa, kunis hammi sukkaaraa dhiiga keessaa akka ol ka’u taasisa.

Babal’ina dhukkuba sukkaaraa daa’immanii

Istaatistiksii akka agarsiisutti dhukkubni sukkaaraa addunyaa irratti waggaa waggaan dabalaa jira (keessumaa dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa). Addunyaa irratti raabsiin dhibee kanaa bakka bakkatti garaagarummaa qaba. Gurraacha caalaa warra adii irratti baay’inaan mul’ata. Dhukkubni sukkaaraa umurii kamiyyuu keessatti mul’achuu danda’a. Dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa daa’ima kamiyyuu irratti, Umurii kamittuu uumamuu kan danda’u ta’us, umurii waggaa 4-6 hanga waggaa 10-14 gidduutti mul’achuu danda’a. Sukkaarri carraa sanyiin darbuu qaba. Dhukkubni sukkaaraa gosa 2ffaa gosa 1ffaa caalaa carraan dhaalamuu qaba. Warra irraa gara daa’imaatti darbuu ni danda’a. Sukkaarri haadha irraas, abbaa irraas gara obboleettii fi obboleessatti kan darbu yoo ta’u, abbaan dhukkuba sukkaaraa yoo qabaate carraan daa’imni dhukkuba sukkaaraa qabamuu dachaa lama dabalaa deema.

Obboleeyyan dhukkuba sukkaaraa yoo qabaatan carraan dhukkuba sukkaaraa qabamuu ni dabala, keessumaa lakkuu fi kan walfakkaatan irratti.

Gosoota dhukkuba sukkaaraa daa’immanii:-

1. Dhukkuba sukkaaraa Gosa 1ffaa- yeroo hedduu daa’imman irratti mul’ata.

2. Dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa- ga’eessotaa fi daa’imman furdina garmalee qaban irratti.

3. Gosa biroo (dhukkuba sukkaaraa daa’immanii, jeequmsa sukkaara uumamaa fi taateewwan insuliinii jeeqan).

Sukkaara gosa tokkoffaa fi lammaffaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu

Kan isaan wal fakkeessu:-

Lamaan isaanii iyyuu yeroo hammi sukkaaraa dhiiga keessaa garmalee olka’udha.

Garaagarummaan isaanii

1. Sababa

  1. Gosti tokkoffaan oomisha insuliinii hir’achuu irraa kan ka’edha

  2. Gosti 2ffaan yeroo oomishni insuliinii gahaa ta’e, hamma eegametti hin hojjetu (adaptation). Kunis hamma insuliinii qaama keessatti gadi lakkifamu hir’isa.

2. Wantoota dhukkuba sukkaaraaf saaxilan

Gosa tokkoffaa:-

  1. Infeekshinii vaayiraasii “enterovirus” jedhamu yeroo ulfaa ykn daa’imummaa,

  2. Aannan sa’aa umurii ji’a jahaa dura jalqabuu.

Gosa Lammaffaa:-

  1. Furdinni qaamaa,

  2. maatii dhukkuba sukkaaraa qabu,

  3. nyaataa fi akkaataa jireenyaa.

3. Yeroo mallattoon dhukkubaa mul’atu

  1. Gosti 1ffaan mallattoo yeroo gabaabaa waan agarsiisuuf dhibeen kun osoo miidhaa hin geessisin dafee adda baafama.

  2. Gosti lammaffaa immoo yeroo dheeraaf osoo hin adda baafamin tura waan taheef erga qaamolee adda addaa irratti miidhaa geessiseeti barama.

4. Wal’aansi isaanii adda

  1. Gosa tokkoffaa:- Insuliinii oomishameen kennuun yaalama

  2. Gosa lammaffaa:- Insuliiniin gosa 2ffaa kan xannacha rajiijiin oomishamu, akka inni sirnaan akka dalagaa isaa saffisiisu godhu kennuun yaalama.

Wantoota dhukkuba sukkaaraa daa’immanii ittisan

  1. Umurii daa’immanii jalqabaatti harma qofa kennuu

  2. Ijoollummaa isaaniitti vitaamin D gahaa akka argatan mirkaneessuu

  3. Nyaata madaalawaa fi fayya qabeessa ta’e hordofuu

Gosa dhukkuba sukkaaraa tokkoffaa

Innis kan uumamu yeroo guutummaatti hanqinni insuliinii jirudha. Irra caalaa ijoollummaa keessatti kan mul’atudha. Yeroo baayyee yeroo mana barumsaa duraa fi dargaggummaatti mul’ata. Dhukkubsattoonni kunneen umurii isaanii guutuu qoricha insuliinii fudhachuudhaan turu.

Taatee dhukkuba sukkaaraa gosa tokkoffaa

Qaamni keenya farra qaama dhukkuba ofirraa ittisuuf oomisha. Yeroo tokko tokko, baakteeriyaan ykn vaayirasiin bocaan seelii qaama keessa jiru tokko tokkoo wajjin waan wal fakkaatuuf sirni ittisa qaamaa dogoggoraan seelii qaama ofii balleessa. Dhukkubni sukkaaraa gosa 1ffaa kanaan kan dhufudha. Seelonni beetaa insuliinii oomishanii kan xannacha rajiijii (seelonni beetaa xannacha rajiijii filannoodhaan balleessu) sadarkaa insuliinii haalaan hir’isu. Seelonni beetaa kutaa xannacha rajiijii keessatti hafan dandeettii insuliinii oomishuuf qaban ni dabalu, yeroon darbaa deemuun garuu lakkoofsi isaanii gara dhibbeentaa 20 fi isaa gaditti gadi bu’a, mallattoon dhukkuba sukkaaraa ifa ta’e dhukkubsataa irratti mul’achuu jalqaba.

Kunis sukkaara garmalee fi dhukkuba sukkaaraa fida.

Wantoota insuliinii hir’isan

1. Guutummaatti hanqina insuliinii kan qabu (gosa 1ffaa) .

  1. Seelonni insuliinii oomishani siruma uumamuu dhabuu

  2. Seelii insuliinii oomishanii guutummaatti baduu

  3. Dhukkuba xannacha rajiijii, balaa tasaa ykn baqaqsanii yaaluu fa’a.

2. Hangi insuliinii hir’achuu (gosa 2ffaa) .

  1. Dandeettiin sukkaara maashaa, Tiruu ykn kuufama coomaa keessatti kuusuu hir’achuu.

Wantoota dhukkuba sukkaaraa gosa tokkooffaaf saaxilan

1.Uumamaan dhukkuba kanaaf saaxilamaa tahuu: maatii sadarkaa tokkoffaa keessatti dhukkuba sukkaaraa qabaachuu/ sanyiidhaan daddarbuu.

2. Dhukkuboonni vaayirasii daa’imman irratti dabaluu / rubella, mumps, cytomegalo virus, entero viruses

3. Seelonni uumamaa insuliinii oomishanii jiraachuu dhabuu

4. Umurii ji’a jahaa dura aannan sa’aa jalqabuu

5. Nyaata aaraan bilchaatan/Naayitiroosaamiin waan akka qophaa’u godha.

Mallattoolee dhukkuba sukkaaraa daa’immanii

1. Bishaan amma amma baayi’inaan dhuguu

2. Amma amma fincaan fincaa’uu/boolahuu

3. Amma amma beelahuu/amma amma nyaachuu

4. Miira dadhabbiin

5. Ulfaatina qaamaa hir’isuu ykn guddina dhaabuu.

6. Dandeetti dhukkuba of irraa dhorkuu qaamaa hir’achuu

7. Miira ol deebisuu godhachuu/nausea

Qorannoo dhukkuba sukkaaraa mirkaneessuu

1. Ciree dura hangi sukkaara dhiiga keessaa 126mg/dL fi isaa ol yoo tahe.

2. Yeroo kamiyyuu qorannoon sukkaara dhiiga keessaa 200 mg/dL fi isaa  ol yoo tahedha.

yaala dhukkuba sukkaaraa daa'immanii

Qorannoo dhukkuba sukkaaraa daa’immanii

Of eeggannoowwan yeroo qorannoo taasisuu qabnu

1. Bu’aa qorannoo sukkaara dhiigaa ciree dura ykn booda ilaaluu keenya mirkanneeffachuu.

2. Dhiigni qorannoof ciree/nyaata booda fudhatame dhibee sukkaaraa kan agarsiisu yoo ta’e, ciree dura irra deebi’anii fudhachuun mirkanaa’uu qaba.

3. Hammi sukkaaraa walsimaa/itti fufiinsa kan qabu olka’iinsa sukkaara ta’uu qaba.

Wantoota dhukkuba sukkaaraa wajjin wal fakkaata

  1. Hangi sukkaara dhiiga keessaa yeroodhaaf olka’uu

  2. Daa’imman bishaan ammas ammas dhuguun amala qaban

  3. Mi’eessituu/qoricha sadarkaa sukkaara dabalu fudhachuu

  4. Dhukkuba kalee amma amma akka fincaa’an taasisu

Wal’aansa dhukkuba sukkaaraa daa’immanii gosa tokkooffaa

Kaayyoon inni guddaan hamma sukkaara dhiigaa to’achuu fi miidhaa dhibee ykn yaala kanaan dhufu hir’isuudha.

  1. Insuliinii sinteetikii guyyaa guyyaan lilmoodhaan bakka buusuu

  2. Sukkaara garmalee akka hin daballe ykn akka hin hir’anne of eeggadhu.

  3. Wantoota mi’aawaa yeroo nyaattan of eeggadhaa

  4. Sochii qaamaa fi nyaatni nyaatnu doozii insuliinii waliin wal madaaluu qaba.

  5. Nyaanni guyyaa guyyaan nyaannu 50-55% anniisaa kan kennu, 30-35% coomaa fi zayita: 10-15% nyaata qaama ijaaru ta’uu akka qabu ni gorfama.

Nyaata dhukkubsattoota sukkaaraaf gorfaman:- Tamirii, daabboo garbuu hin quncifamne fi ruuzii, kuduraalee magariisaa fi fuduraalee (avokaadoo, istiroberii, burtukaana, kaarotaa, birookilii,dinnicha mi’aawaa, hanqaaquu, qurxummii cooma qabu, loozii, talbaa fi kkf nyaachuu dandeessu.

  1. Umurii, haala dhukkubaa fi sochii qaamaa irratti hundaa’uun doosiin insuliinii sirreessuu. Sadarkaan sukkaara kana irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaata.

  2. Waa’ee mallattoolee ol ka’uu sukkaaraa fi hanqina sukkaara baruu qabdu

  3. Maatii waa’ee akkaataa insuliiniin waraanamuu qabu leenjisuu

Mallattoolee hir’achuu sukkaaraa dhiiga keessaa

  1. Dadhabbii,

  2. dafqu,

  3. Gaggabdoo

  4. Of wallaaluu

Rakkoolee dhukkuba sukkaaraan dhufan

Yoo hamma sukkaara keenya akka gaariitti hin to’anne rakkoon inni fidu baay’eedha. Sukkaarri salphaan olka’uu fi gadi bu’uun illee nama jeeqa. Akkaataa jireenyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisu. Yoo sadarkaa sukkaara akka gaariitti hin to’anne:-

1. Miidhaa ujummoo dhiigaa xixiqqoo miidhamuu:-

  1. Narvii ijaa,

  2. dhukkuba Kalee,

  3. Miidhaa narvii naannoo qaamota qarqara jiranii (Peripheral neuropathy)

2. Ujummoo dhiigaa gurguddaa miidhamuu

  1. Miidhaa Onnee fi ujummoolee dhiigaa

3. Hammi sukkaara/ sukkaara ariitiin dabaluu waliin walqabatee keetoonii fi asiidii qaama keessatti dabaluu cimaa fida.

4. Sukkaara dhiiga keessaa hir’achuu

5. Gogaa bakka insuliiniin itti waraaname kulkulfannaan uumamuu

6. Insuliiniin nyaataa fi sochii waliin wal simuu dhabuun hangi sukkaaraa dhiiga keessaa gadi bu’uu ni dabalatu.

Recent Posts

See All

Comentários

Avaliado com 0 de 5 estrelas.
Ainda sem avaliações

Adicione uma avaliação
bottom of page