top of page
Writer's pictureSabona Lemessa

Nyaata dabalataa daa’immanii fi qabiyyee isaa

Nyaata dabalataa daa’immanii jechuun maalii?

Nyaata dabalataa daa’immanii jechuun nyaata daa’immaniif umurii baatii jaha irra eegalee aannan harma haadhaa cinatti kennamudha jechuudha. Kunis umurii baatii jaha irraa eegalee tahuu qaba. Nyaata dabalataa umurii baatii jaha dura ykn baatii jaha dabarsanii tursiisanii eegaluun miidhaa guddaa qaba. Umurii baatii jaha irra eegaluun kunis sababa mataa danda’e qaba. Isaanis-

  1. Arraba isaanii tohachuu eegalu

  2. Nyaata afaan keessaa oliif gadi deemsisuu baru

  3. Ilkaan biqilchuu eegalu

  4. Fedhii waa dhamdhamuu horatu

  5. Wantoota garaagaraa gara afaanii isaanii geessuu yaaluu eegalu

  6. Mar’immaan isaanii nyaata garaagaraa daakuuf ni bilchaata

Akka gabaasa dhaabbata nyaata addunyaa jedhuttis tahe gabaasa wiirtuulee birootti, dabaree meeqa akka argachuu qaban umurii isaanii irratti hundaa’a. Aannan harma haadhaas itti fufuu qaba.

  1. Umurii baatii 6-8 kan tahan yeroo 2-3 argachuu qabu.

  2. Umurii baatii 9-11 kan tahan yeroo 3-4 argachuu qabu.

  3. Umurii baatii 12-24 kan tahan yeroo 3 fi tursituu yeroo lama argachuu qabu


Qabiyyeewwan nyaata dabalataa daa'immanii

Nyaata dabalataa daa’immanii

Qabiyyeewwan nyaata dabalataa daa’immanii maal tahuu qabuu?

Qabiyyeen nyaata dabalataa kuni umurii irratti hundaa’uun qabiyyee garaagaraa qabaachuu qaba.

  1. Umurii baatii 6-11 kan tahan nyaata akka muduraa fi kuduraa qaban yoo tahe gaariidha. Aannan harma haadhaa itti fufuu qaba.

  2. Nyaata akka marqaa boqolloo, bullaa irra dalagaman, aannan fi zayita/dhadhaa makuun kan qophaa’e.

  3. Nyaata daakame akka dinnichaa, zayita fi ruuza daakame

  4. Kanneen armaan olii irratti dabalataan kuduraalee magariisa daakanii dabaluun tahuu qaba.

  5. Tursituu guyyaatti yeroo 1-2 nyaata muduraa fi kuduraa irra qophaahe argachuu qabu.

  6. Umurii baatii 12-24 kan jiran haaluma armaan oliin kan qophaa’u tahus jabinni isaa garaagara tahuu qaba. Aannan harma haadhaa itti fufuu qaba.

  7. Nyaata maatiin nyaata maatiin nyaatan hanga finjaala tokko fi walakkaa kan tahu yeroo tokkotti argachuu qabu.

  8. Nyaata marqaa irra qophaahe guyyaatti yeroo 3-4 argachuu qabu.

  9. Tursituu guyyaatti 1-2 lamaa nyaata kuduraa fi muduraa akka Avocaadoo, Maangoo, Muuzaa, kaarotii, dinnicha bilchaate ykn immoo dinnicha sukkaaraa argachuu qaban.

  10. Umurii waggaa 2 booda kan jiran guyyaatti nyaata yeroo 3 fi turstuu yeroo 2 argachuu qabu.

  11. Tursituun nyaata akka aannan daabboo, hanqaaquu fi akka muuzaa tahuu danda’a.

  12. Aannan harma haadhaa dhaabbachuu qaba

Daa’imman sababii garaagaraan aanna harma haadhaa dhaabanis haaluma armaan oliin qophaahe nyaachuu qabu. Dabareen isaan argachuu qaban garuu garaagara. Innis guyyaatti yeroo shan fi tursituu yeroo lama argachuu qaban.

Akkaataa kamiin nyaata dabalataa daa’immanii eegaluu qabnaa?

Daa’imni tokko nyaata haaraa dabalataan gaafa eegalu dinqisiifachuu danda’a. Daa’imni tokko itti baruuf yeroo fudhachuu mala, sababni isaas nyaata fal’aana irra fudhachuu akkasumas liqimsuuf baruu qaban. Yeroo hedduu nyaatni hidhii irra darbee gara areedaa darbuu waan danda’uuf haati akka daa’imni ishee nyaata sana jibbeetti yaaduu hin qabdu. Kanaafuu haati tokko:-

  1. Guyyaa jalqabaa yeroo 1-2 fal’aanaan kennuun dhawwaataan ol dabalaa deemuu qabna.

  2. Dursa nyaata laafaa tahan irra eegaluu.

  3. Gaafa jalqabaa yeroo tokkotti nyaata gosa qofa kennuu qabna.

  4. Isa booda hanga guyyoota 3-5, nyaata gosa biraa kennuu hin qabnu; kunis mar’immaan isa/shee nyaata duraa dandamachuu fi dadhabuu akka baasuufi.

  5. Yeroo booda nyaata bakkatti xiqqeessanii muruun barsiisuu feesisa.

  6. Baatii sagal booda nyaata gosoota garaagaraa tahan argachuu qabu.

  7. Kuni ammas fal’aanaan tahuu qaba.

0 views0 comments

Recent Posts

See All

Comments

Rated 0 out of 5 stars.
No ratings yet

Add a rating
bottom of page