top of page
Writer's pictureSabona Lemessa

Of eeggannoon daa’imman aannan xaasaa hoosisuu maalii?

Aannan harma haadhaa nyaata daa’immanii isa filatamaadha. Innis faayidaalee hedduu waan qabuufi. Kanaafuu leellifamuu, jabeeffamuu akkasumas dursi kennamuufii kan qabudha. Daa’imman aannan xaasaa hoosisuu akka carraa dhumaatti fayyadamuu qabna. Garuu sababii garaagaraan daa’imni tokko yoo aannan harma haadhaa argachuu dhabe aannan xaasaa (kan maragamee) bitamu, kan beekumsa saayinsiin deeggaramee qophaa’e kennuun ni danda’ama. Innis kanneen armaan gadii guutuu qaba:-

  1. Qabiyyee nyaataa daa’immaniif gahaa tahe qabaachuu

  2. Daa’immaniif ulfaatina gahaa kennuu danda’uu qaba.

  3. Qulqullinaa fi nageenyummaa madaalamaa daa’immaaf qabaachuu qaba.

  4. Qabiyyeewwaan aannan sana keessaa jiran guddinaa fi fayyaa daa’imaaf kan oolanii fi gahaa tahuu qabu

aannan xaasaa fi daa'imman

Aannan xaasaa

Gosoota aannan xaasaa

Akka dhaabbanni nyaataa fi dawwaa Ameerikaa fi dhaabbileen garaagaraa mirkaneessanitti, aannan xaasaa qabiyyee qophaa’e irratti hundaa’uun hedduutu jira. Biyyota guddatan akka Ameerikaas haala wal fakkaattuun fayyadamu. Aannan xaasaa kunis akkuma qabiyyeen isa garaagarummaa qabu nageenyummaan isaas garaagara tahuu mala. Gosootni aannan xaasaa kunis pirootinii aannan sa’aa irratti hundaa’uun kan qophaa’e fi pirootinoota akka Soy, hydrosylated irratti kan hundaa’e dha. Aannan xaasaa qabiyyee garaagaraa qabaatus, filannoo jalqabaa nyaata daa’immaniif tahu miti.

Filannoo aannan xaasaaf wantoota hubachuu qabnu

Akka gidduu galli tohannaa fi ittisa dhukkubootaa(CDC) jedhutti aannan xaasaa filachuuuf wantootni ilaaluu qabnu ni jiru. Dhaabbanni nyaataa fi dawwaa Ameerikaa akka jedhutti aannan xaasaa aayiraanii gahaa of keessaa qaban filannoo jalqabaa tahuu qaban. Filaannoof wantoota ilaaluu qabnu keessaa:-

  1. Kan yeroon hin darbine tahuu isa

  2. Meeshaan isa kan sirriitti cufamee fi haala gaariin qabamuu isa

  3. Umurii daa’ima keessaniif kan gitu tahuu isaati.

Akkaataa daakuu aanaan xaasaa qopheessinuu fi kuusuu qabnu

Akka dhaabbanni wiirtuu tohannoo fi ittisa dhukkuboota ibsutti sadarkaalee armaan gadii hordofuu qabna.

  1. Yeroon isa darbuu dhabuu mirkaneeffachuu

  2. Baattuu daakuu aannanii gama alaa qulqulleessuu

  3. Harka ofii saamunaa fi bishaaniin dhiqachuu

  4. Bishaan qulqulluu ittiin bulbullu qopheeffachuu (kuni bishaan ujummoo tahuu danda’a, yoo shakkii qulqullummaa qabaate bishaan maragamee gurguramu fayyadamuun danda’ama).

  5. Dursa bishaan hanga baatuu daakuu irratti ibsamee jiru meeshaa itti bulbullutti naquu

  6. Daakuu aannanii hanga baattuu aannanii irratti ibsamee jiru meeshaa bishaan qopheeffannetti dabaluu; hir’achuus itti dabaluus hin barbaachisu.

  7. Erga walitti daballee daqiiqaa muraasaaf hurgufuu (meeshaa biraa fayyadamanii waliin makuuf yaaluu hin qabnu)

  8. Aannan qophaa’e daa’ima ofiif kennuu.

  9. Erga obaasnee booda xuuxxoo fi fiixee xuuxxoo haala gaarii taheen qulqulleesinee kaahuudha.

Akkaataa aannan xaasaa kuusuu qabnu

Erga aannan bulbullee qopheesinee booda yeroo sanuma obaasuu ykn immoo kuusuu ni dandeenya. Innis sa’aatii muraasa qofaaf tahuu qaba.

  1. Yeroo sanaaf kan qopheessine yoo tahe:-

  2. Erga daa’ima obaasuu eegallee yoo tahe sa’aatii 1 gidduutti akka fayyadaman gochuu.

  3. Yeroo qopheessuu eegallee irra sa’aatii lama gidduutti akka fayyadaman gochuu

  4. Qopheessinee ol kaahuuf yoo tahe; kana jechuun sa’aatii lama gidduutti obaasuuf karoora hin qabnu yoo tahe:-

  5. Yeroodhuma sana qorrisiistuu/Tallaajjaa kaahuu

  6. Sa’aatii 24 gidduutti fayyadamuudha

Hubachiisa:- Aannan xaasaa erga obaasnee xuuxxoo keessatti hafe yeroodhuma sana gatuu qabna. Kana malees qorrisiistuu/refrigerator keessaa kaahuu hun qabnu. Sababni isaas gorora daa’imaa fi aannan yeroo wal tuqu guddina baakteeriyaaf haala mijataa uuma.

Hangamii fi yeroo meeqa kennuu qabnaa?

Kun daa’imman gidduutti garaara taha. Guyyaa jalqaba irra eegalee hangi kenninus garaagara.

Guyyaa jalqabaa:-

  1. Guyyaatti yeroo 8-12 kennuu dandeenya. Kuni fedhii daa’imaa irrattti hundaa’a. kana jechuun garaagarummaa sa’aatii 2-3 jechuudha.

Torban jalqabaa hanga baatii jahaa:-

  1. Garaagarummaa sa’aatii 3-4 kennuu qabna.

Umurii baatii 6-12 kan jiran:-

  1. Fedhii nyaataa daa’imaa irratti hundaa’uun yeroo 5-6 kennuu dandeenya.

  2. Nyaata dabalataa akkumaa dabalaa deemneen dabaree aannan xaasaa kenninuu hir’achaa deema.

Umurii baatii 12 olii

  1. Aanaan xaasaa dhaabuun guutummaatti aannan sa’aan bakka buusuudha.

  2. Nyaata biraa dabalataan itti fufuu qabna.

Rakkoolee aannan xaasaa waliin wal qabatan

  1. Ulfaatina humnaa oliif saaxilamu.

  2. Rakkoo yeroo dheeraa ulfaatina humnaa oliin wal qabatuuf saaxilamu

  3. Carraa infeekshiniin qabamuu.

  4. Rakkoo bilchinan dhabuu mar’immaniin wal qabatuuf saaxilamu.

3 views0 comments

Recent Posts

See All

Comments

Rated 0 out of 5 stars.
No ratings yet

Add a rating
bottom of page