Haati daa’ima tokkoo tooftaalee aannan harma haadhaa hoosisuu beekuun daa’imni ishee aannan gahaa akka argatuuf kan gargaaranidha. Aannan harma haadhaa nyaata daa’immanii keessaa isa tokko.Aannan harma haadhaa qabiyyee garaagaraa of keessaa kan qabuu fi qabiyyeewwan kunis:-
Pirootinii
Wantoota madinummaaf fayyadan
Bishaan fi albuudota garaagaraati.
Daa’imni tokko dhalatee umurii sa’aatii tokko gidduutti haarma haadhaa hodhuu eegaluu qaba. Guyyya tokkotti yoo xiqqaate yeroo 8-12 hodhuu kan qaba. Umurii baatii jahaa booda nyaatni dabalataa kennamuun hanga guyyaatti hodhuu qaban ni hir’ata. Haati tokko daa’ima ishee garaagarummaa sa’aatii 2 hanga 3 hoosisuu qabdi. Akka gabaasa dhaabbata fayyaa addunyaa (WHO) jedhutti, hanga umurii baatii jahaa aannan harma haadhaa qofti gahaa akka tahee fi baatii jaha irra eegalee nyaata dabalataa argachuu qabu. Akkasumas harmi haadhaa hanga umurii waggaa 2 itti fufuu qaba.
Faayidaalee aannan harma haadhaa hoosisuu maalii?
Aannan harma haadhaa daa’immaniif faayidaalee hedduu qaba. Akkasumas haati tokko daa’ima ishee harma hoosisuun faayidaa hedduu qaba. Isaanis:-
Faayidaa daa’imaaf qabu-
Carraa Infeekshiniin qabamuu sombaa, keessoo gurraa hir’isa
Carraa garaa kaasaan qabamuu hir’isa
Dhibee sukkaaraa gosa lammaffa hir’isa
Alarjii sombaa fi alarjii gogaa ni hir’isa
Ulfaatina humnaa olii hambisa
Faayidaa haadhaaf qabu-
Carraa dhiiguu gadameessa da’umsaa boodaa hir’isa
Kaanserii gosa garaagaraa ni hir’isa
Tooftaa karoora maatii keessaa tokko
Dhiita’uu harma haadhaa da’umsa boodaa ni hambisa.
read more on contraindication of breast feeding
Tooftaalee harma haadhaa hoosisuu maal fa’aa?
Haati tokko daa’ima ishee harma hoosisuuf wantoota gochuu qabdu ni jiru. Kunis baay’ina daa’ima qabdu irratti hundaa’uu mala. Tooftaaleen aannan harma haadhaa hoosisuu kunis:-
Cradle position:- kuni yeroo hedduu daa’ima tokko warra qabaniifi.
Haati ol jettee taa’uun daa’ima harka tokko irratti qabachuu qabdi.
Harki ittiin qabatte mataa, morma, dugdaa fi teessuma daa’imaa utubuu qaba.
Qomni/lapheen haadhaa fi daa’imaa walitti maxxanuu qaba.
Cross-cradle position:-
Haati ol jettee taa’uun daa’ima qomatti qabachuu qabdi
Harka ishee teessuma daa’imaa irraa eegalee hanga mataa daa’imaa diriirsuun ofitti naanneesitee qabachu qabdi
Harka bitaan yoo qabatte daa’imni immoo harma mirgaa hodhuu qaba.
Harka mirgaan yoo qabatte daa’imni harma bitaa hodhuu qaba
Clutch position:- kuni haadhaa daa’ima lakkuu qabduuf ni fayyadan. Haadha baqaqsanii yaaluun deessee fi daa’ima ulfaatina xiqqaa qabu hoosisuuf hedduu fayyadan.
daa’ima cinaacha irratti qabachuu qabdi.
miillii fi qaamni daa’imaa gara gadii Irree haadhaatti utubamuu qaba.
Harkaan mataa daa’imaa utubuu qabdi.
Irreen haadhaa boraatii ykn makaddaan utubamuu qaba.
4. Side-lying position:-kunis tooftaa isa salphaa fi haadhaa baqaqsanii yaaluun dahaniif fayyadan.
Haati cinaachaan ciisuu qabdi.
Fuulli haadhaa fi daa’imaa walitti garagaluu qaba.
Afaan daa’imaa fiixee harma haadhaan qixa tokko irra tahuu qabu.
Dugdii fi mormi daa’imaa boraatiin ykn makaddan utubamuu qaba.
Harkaan illee dugda, teessumaa fi mataa daa’imaa utubuu qabu
Akkaataa harma haadhaa hoosisuu
Akkaataa haati harma ishee qabdee daa’ima ishee hoosisuu qabdu
Harka daa’ima hin utubneen harma baasuun barruu harkaan harma ishee utubuu qabdi.
Quba harkaan fiixee harma hacuuccee qabuu hin qabdu.
Akkaataa daa’imni fiixee harkaa qabachuu qabu
Afaan isa/ishee sirriitti banamuu qaba.
Areedni daa’imaa harma haadhaatti maxxanuu qaba.
Hidhiin daa’imaa gara jalaa gara alaatti deebi’uu qaba.
Fiixeen harma haadhaa gara gurraachaa gama gadiin caalaa garri olii mul’achuu qaba.
Mallattoolee harma hodhuu barbaaduu daa’immanii
Yeroo hedduu ni bo’u.
Hirriba gahaa rafuu dhabuu.
Daa’imni aannan harma haadhaa gahaa argachuu isa/ishee beekuuf
Osoo hodhaa jiruu/jirtuu ni rafu.
Aannan harma haadhaa keessaa bahu karaa roga afaan daa’imaan bahuu qaba.
Daa’ima yeroo hodhutti sagaleen aannan liqimsuu isa/ishee dhagahamuu qaba.
Daayipperiin daa’imaa fincaaniin yeroo yerootti guutamuu qaba.
Ulfaatinni daa’imaa dabaluu qaba.
Hanga daayipperii guyyaatti jijjiirtuu dabaluu qaba.
Haati daa’ima harma hoosistee booda maal gochuu qabdi.
Akkuma quufuu isaa/ishee barteen qoma isheetti qabachuun dugda daa’imaa haala salphaan rukutuun akka deeffatu gochuu qabdi.
Akkuma hodhaa jiraniin akka rafaniif yeroo kennuu qabdi.
Marsaa itti aanuu hoosisuuf yoo xiqqaate sa’aatii 2-3 eeguu qabdi.
Marsaa itti aanuu harma haadhaa dura hoosiste jijjiiruun kan gama biraan hoosisuuf qopheessuu qabdi.
Comments