top of page

Akkaataa ittisa Infeekshinii vaayiraasii tiruu B Daa’imman keessatti!

Dhukkuboota yeroo ulfaa haadha irraa gara daa’immaniitti daddarban keessaa tokko infeekshinii vaayiraasii Tiruu B dha. Kanaafuu, dubartoonni ulfaa yeroo daawwannaa da’umsa duraa jalqabaa HBsAg qoratamuu qabu. Sana yoo dadhaban yeroo da’umsaaf seenan qoratamuu qabu.

Tooftaalee ittisa Infeekshinii vaayiraasii tiruu B

  1. Daa’imman haati isaanii HBsAg-poozaatiivii ta’an erga dhalatanii sa’aatii 12 keessatti HBIG 0.5 mL IM doosiin 1 kennamuu qabu. Talaalliin HBV irra dabalataan bifa limmeen dooziiwwan 3 walitti aansuun kennamuu qaba.

  2. Dooziin jalqabaa HBIG waliin yeroo tokkotti garuu bakka adda ta’etti kennama.

  3. Dooziin 2ffaan ji’a 1 hanga 2 gidduutti kan kennamu yoo ta’u, dooziin 3ffaan ammoo kan jalqabaa booda ji’a 6 tti kennama.

  4. Yoo daa’imni ulfaatina < 2 kg qabaate, talaalliin dooziin jalqabaa bu’a qabeessa ta’uu dhiisuu danda’a. Kanaafuu, Doosiin talaallii itti aanu umurii guyyaa 30tti (ykn yeroo hospitaala gadhiifamu) kennama, sana booda doosiin biroo 2 ji’a 1 hanga 2 fi ji’a 6 booda doozii jalqabaa irraa fageessuun kennama.

  5. Daa’imman haadholiin isaanii yeroo da’umsaatti haala HBsAg hin beekamnees erga dhalatanii sa’aatii 12 keessatti talaallii isaanii isa jalqabaa fudhachuu qabu.

  6. Daa’imman ulfaatinni isaanii 2 kg gadi ta’aniif, dooziin jalqabaa HBIG (0.5 mL IM) waliin yeroo tokkotti bakka adda ta’etti kennama.

  7. Daa’imman ulfaatinni isaanii kg 2 olii fi haadholiin isaanii HBsAg qoratamuu danda’anii fi hordoffiin bira gahuun danda’amu, HBIG (0.5 mL IM) hanga guyyaa 7tti harkifachuu danda’a, hanga qorannoon haadha HBsAg pozaatiivii tahuu mirkanaa’utti. Daa’imman haadholii HBsAg qaban irraa dhalatan hundaaf ji’a 9 hanga 15tti qorannoon HBsAg fi farra HBs ni gorfama.

Talaallii infeekshinii vaayiraasii tiruu B fi akkaataa kenninu

Tooftaalee ittisa infeekshinii vaayiraasii tiruu B

  1. Daa’imman dhalatan kanneen haati isaanii HBsAg–negative ta’uun beekaman yoo yaalaatiin tasgabbaa’aa ta’ee fi ulfaatina 2 kg ol ta’e dhalatanii sa’aatii 24 keessatti talaallii isaanii isa jalqabaa fudhachuu qabu. Daa’imman ulfaatinni isaanii kg 2 gadi tahee fi dhukkubbii dabalataa cimaa qabaniif, umurii ji’a 1tti ykn yeroo hospitaalaa bahutti doozii jalqabaa fudhachuu qabu.

  2. Daa’imni haadha HBsAg-poozaatiivii irraa dhalate haadha irraa adda baasuun hin gorfamu. Haa taʼu malee, haati tokko harma madaa qabu, malaa kuufate ykn dhukkuba harmaa kan biraa yoo qabaatte, harma hoosisuun HBV dabarsuu dandaʼa waan taheef hanga dursinee talaallii doozii jalqabaa fi immuunoogiloobuliin (HBIG) kennuu qabna.

Comments

Rated 0 out of 5 stars.
No ratings yet

Add a rating
bottom of page