top of page

Foolii afaanii badaa fi Daa’imman (Bad breath in children)

Foolii afaanii badaa sababoota adda addaan uumamuu danda’a. Qulqullina afaanii eeguun gahee maatii keessaa tokkodha. sababootni isaanis:-

  1. Nyaata akka qullubbii adii, baaduu fi sukkaarri itti baayyatan.

  2. Hafuura ganama hirriba irraa ka’anii:- Kuni sababa baakteeriyaa afaan keessaa umurii hunda irratti jiraniin kan dhufudha.

  3. Qulqullina Afaanii gahaa hin taane

  4. Dhibee Ilkaanii kan akka borobboramuu/urachuu ilkaanii, Infeekshinii afaan keessaa fi ilkaanii, foon ilkaanii fa’a

  5. Afaan keessa yoo goggoge

  6. Dhukkuba diddii Ilkaanii

  7. Afaaniin harganuu

  8. Infeekshinii Saayinasii

  9. Dhiita’uu Toonsilii

  10. Rakkoo Fayyaa kan akka dhibee sukkaaraa, infeekshinii fangasii afaan keessaa fi ol deebi’uu asiidii garaachaa (GERD)

  11. Qaama alagaa funyaan keessa seenuun yoo turan (foreign body in nose)

sababootni fooli badaa afaanii daa'immanii maalii?

Foolii badaa afaanii

Akkamitti daa’imman keessatti foon badaa ofirraa ittisuu dandeenyu

Wal’aansi foolii badaa afaanii daa’immanii sababa isaa irratti hundaa’a. Maatiin daa’imaa kan yaadda’an yoo tahe, sababni isaa maal akka tahe mirkaneessuuf hakiima ykn ogeessa ilkaan qunnamuu qaba. Haaluma kanaan kanneen armaan gadi gochuu qabna. Innis:-

  1. Daa’imman guyyaatti yeroo lama ilkaan isaanii akka qulqulleessan gargaaruu (Teeth brushing)

  2. Qulqullina afaanii gaarii akka shaakalan barsiisi (good oral hygiene)

  3. Nyaata madaalawaa fayya qabeessa ta’e akka nyaatan taasisuu

  4. Nyaataa fi dhugaatii sukkaara hedduu qabu akka hir’isan gochuu

  5. Dhangala’aa gahaa akka fudhatan gochuu fi goginsa afaan keessaa hir’isuuf bishaaniin yeroo yerootti akka jiisan gochuu

  6. Daa’imman ciree isaanii akka irra hin dabarre taasisuu

  7. Ashaboo bishaan ho’etti bulbuluun afaan isaanii lulluuqqatanii akka tufan gochuun wal hormaata baakteeriyaa waan hir’isuuf foolii badaan akka hin uumamne gargaara.

  8. Infeekshinii afaan keessaa, ilkaan, saayinasii, diddii ykn foon ilkaanii tahuu adda baasuuf hakiima daa’imaa ykn hakiima ilkaanii mariisisuu.

Akkaataa foolii badaa afaanii hir’isnu

  1. Qulqulina afaanii gaariin filannoo jalqabaati

Yoom hakiima qunnamuu qabnaa?

Daa’imni tokko mallattoolee armaan gadii keessaa tokko akka qabu yoo hubattan hakiima qunnamuu qabdu:

  1. Foolii badaa afaanii yeroo dheeraaf ture

  2. Ilkaan irratti malaan uumamuu

  3. Urachuu/borobboramuu ilkaanii

  4. Dhukkubbii laagaa keessaa

  5. Nyaachuu, dhuguu ykn liqimsuu irratti rakkachuu

  6. yeroo baay’ee tuttufuu fi ol deebisuu

  7. Qaama gubaa

  8. Foon ilkaanii diimachuu, dhukkubbii qabaachuu ykn dhiita’u

  9. Dhiitahuu toonsilii

  10. Madaa foon ilkaanii ykn afaan keessatti mul’atu

  11. Funyaan keessaa dhangala’aa furdaa fi bifti jijjiirame kan bahu yoo tahe.

2 views0 comments

Commenti

Valutazione 0 stelle su 5.
Non ci sono ancora valutazioni

Aggiungi una valutazione
bottom of page