top of page
Writer's pictureSabona Lemessa

Cufaa tahee uummamuu Hudduu daa’immanii maalii?

Eeyee uumamaan cufaa tahee uumamuu ni danda’a. Rakkoon cufaa tahee uumamuu hudduu daa’immanii kunis “anorectal malformations” jedhamuun beekama. Rakkoolee uumamaan mar’immaan daa’immaniin wal qabatan keessaa isa tokko. Sadarkaa cimina isaas garaagara. Saalli lamaanuu carraan kana qabatanii dhalachuu ni jira.

Rakkooleen adda addaa “anorectal malformation” wajjin uumamuu danda’a. Isaan keessaa:

  1. Baayyee dhiphachuu qaawwa bobbaa ta’uu danda’a.

  2. Qaawwi bobbaa tishuu ykn meembiraaniin haguugamuu danda’a.

  3. Mar’immaan gara olii qaawwa hudduu gara gadii waliin kan wal hin qunnamne.

  4. Kutaan mar’immaanii “Rectum” jedhamu kutaa ujummoo fincaanii ykn sirna walhormaataa wajjin wal quunnamee uumamuu danda’a. Kun isa “fistula” jedhamudha.

Mallattoowwan cufaa tahee uumamuu hudduu daa’immanii maal Fa’a?

Anorectal Malformations” akkaataa mar’immaan daa’imaa itti socho’u irratti rakkoo fida. Cufaa tahee dhalachuun qaawwa bobbaa/hudduu yeroo hedduu dhalatanii hospitaalaa osoo hin bahiin argamuu malu. Yeroo tokko tokko garuu osoo hin argamiin hafuun mallattoolee armaan gadii qabaatu. Isaanis:-

  1. Sagaraa baasuu dhabuu

  2. Sagaraa qaama saalaa irraan bahuu (Fistula)

  3. Sagaraan afuuffee fincaanii seenuun fincaan daa’imaa sagaraan makamuu.

  4. Goginsa garaa

  5. Bokokuu garaa fa’a.


Cufaa tahee uummamuu Hudduu daa’immanii

Anorectal malformation

Cufaa tahee uummamuu Hudduu daa’immanii akkamiin yaalamaa?

Wal’aansi isaa mallattoolee daa’ima keessanii, umurii fi fayyaa waliigalaa irratti hundaa’a. Akkasumas haalli kun hammam cimaa akka ta’e irratti hundaa’a. Daa’imman baay’een isaanii anorectal malformation qaban rakkoo kana sirreessuuf baqaqsanii yaaluu isaan barbaachisa. Gosaa fi baay’inni baqaqsanii hodhuu barbaachisu garaagarummaa qabaata. Gosa rakkoo daa’imni keessan qabu irratti hundaa’a.

Maal gochuu qabnaa?

  1. Da’umsa booda osoo Hospitaala keessaa hin bahiin dura qaawwi bobbaa banaa tahuu fi sagaraa dabarsuu daa’ima keessanii mirkaneeffachuu qabdu.

  2. Sagaraan qaama saalaa irraan kan bahu yoo tahe daftanii mana yaalaa geessuun qorachiisuu

  3. Goginsi garaa erga dhalatee guyyaa muraasa keessatti yoo itti dhufu mana yaalaa geessuun ilaalchisuu

0 views0 comments

Comments

Rated 0 out of 5 stars.
No ratings yet

Add a rating
bottom of page