Rakkoon Alarjii daa’immanii rakkoo sirna ittisa qaamaa ti. Alarjiin baay’een isaa kan uumamu yeroo sirni ittisa qaamaa “alaarmii sobaa” irratti deebii kennudha. Akka idileetti qaamni namaa wantoota miidhaa geessisan kan akka vaayirasii ykn baakteeriyaa ofirraa ittisa. Garuu yeroo tokko tokko ittisawwan irra caalaa wantoota salphaa kanneen akka dhukkee, rifeensa ykn wantoota ilbiisota irraa qilleensa irratti gadhiifaman deebii cimaa kennu.
Akka idileetti, alarjiin miidhaa hin qabu. Garuu namni tokko yeroo alarjii qabaatu qaamni alarjii kun miidhaa akka qabu itti fakkaata. Sana booda qaamni alarjii farra qaama immunoglobulin E (IgE) jedhamu fayyadamuun haleela. Farra qaamolee kun seelii addaa mast cells jedhaman irratti maxxananiiru. Alarjiiniin farra qaamaatti maxxanu. Kunis seelonni mastii kun hormoonii histaamiinii fi keemikaalota biroo alarjii fidan akka gadhiisan taasisa. Keemikaalonni kun tishuu funyaaniitti dhiyoo jiru yeroo deebii kennan, mallattoon alarjii akka mul’atu taasisa. Yeroo kun ujummoo hafuura baafannaa sombaa keessatti mudatu mallattoolee dhukkuba asmii kan akka qufaa fi sagalee somba keessaa xiixu fakkaatu (wheezing) ni qabaatu. Yeroo deebiin kun qaama guutuu hirmaachisu, alarjii cimaa ta’uu danda’a.
Mallattoon alarjii daa’immanii maal fa’a?
Gogaa, ija, garaacha, funyaan, Saayinasii, qoonqoo fi somba dabalatee bakka kamiyyuu qaama keessatti alarjiin uumamuu danda’a. Bakkeewwan kun seelonni sirna ittisa qaamaa jarmii kan yeroo hargansuu seenan, liqimfaman ykn gogaa waliin wal qunnaman ofirraa ittisuuf itti argamanidha. Alarjiin kan armaan gadii of keessaa qabaachuu danda’a. Isaanis:-
Funyaan cufamuu, haxxifachuu, hooqsisuu ykn dhangalaa funyaan keessaa bahu dabaluu, fi gurra ykn foddaa afaanii hooqsisuu
Iji diimachuu, kan hooqsisuu, immimmaan baayyachuu.
Gogaan diimachuu, hooqsisuu, goguu
Shiffee nama hooqsisu
Mallattoolee dhukkuba asmii, kan akka afuura kutuu, qufaa ykn xiixuu sagalee qoma keessaa (wheezing)
Alarjii cimaa lubbuu namaa balaa irra buusu kan anaphylaxis jedhamu. Innis balaa hatattamaa yaalaa kan rakkoo hafuura baafachuu, qufaa, garaa kaasaa, ol deebisuu, dhiibbaa dhiigaa gadi bu’uu, of wallaaluu ykn du’a fiduu danda’udha
mallattoolee alarjii daa’immanii
Maaltu daa’imman irratti alarjii fidaa?
Wantoonni baay’een alarjii namatti fiduu danda’u. Garuu wantoota kakaasan ykn alarjii baay’inaan akka mul’atu godhan keessaa:-
Wanta #Pooleen jedhamu muka, margaa fi wiidii irraa gara qilleensaa bahu
Laastikoota adda addaa kan #Ruber irraa tolfame
Rifeensa xixiqqoo bineensa akka hantuutaa, saree fi adurree irraa bahan
Ilbiisota garagaraa kan akka Bararoo
Nyaata tokko tokko
Qorichoota tokko tokko
Rifeensa ykn baallee simbirrootaa
Kaannisni yeroo nama hidditu
Uffata addaa kan jirbii irraa tolfame
Saamunaalee qaama dhiqachuuf fayyadamnu
Daa’imman irratti alarjiin akkamitti yaalamaa?
Wal’aansi mallattoolee daa’ima keessanii, umurii fi fayyaa waliigalaa irratti hundaa’a. Akkasumas haalli kun hammam cimaa akka ta’e irratti hundaa’a.
Mallattoon alarjii yeroo tokko tokko haalawwan biroo ykn rakkoo fayyaa biroo waliin wal fakkaata. Yeroo hunda qorannoof ogeessa fayyaa daa’ima keessanii agarsiisaa.
Karaaleen alarjii yaaluuf bu’a qabeessa ta’an 3n isaan armaan gadiiti.
Irraa fagaachuu,
Yaala alarjii (immunotherapy), fi
Qoricha alarjii.
Yaadonni alarjii irraa fagaachuuf kennaman:
Yeroo lakkoofsi #pollen baay’ee fi guyyoota qilleensi itti baay’atu mana keessa turuu.
Awwaara mana keessaa, keessumaa kutaa ciisichaa daa’ima keessanii hir’isuu.
Foddaa banuu irraa of qusachuun waan qilleensa mana keessaa to’atu (air conditioner) fayyadamuu.
Tuttuqqii beeyladoota mana keessaa akka adurree fi saree irraa fageessuu.
Ilbiisota mana keessaa akka badan gochuu’
Wantoota urgaahan akka dibataa, urgooftuu fayyadamuu dhiisuu
Saamunaa mallattoo armaan olii mul’isan itti fayyadamuu dhiisuu fa’a
Qorichoota farra histaamiinii jedhaman fayyadamuu- ajaja hakiima daa’imaan tahuu qaba.
Hordoffii yeroo yerootti qabaachuun hakiima ofii mariisisuu fa’a!
Comments