top of page

keelloo tahuu Ijaa fi gogaa daa’imman reefu dhalatanii

Sababootni keelloo tahuu ijaa fi gogaa daa’imman reefu dhalatanii hedduudha. Innis yeroo keemikaalli qaamaa isaanii keessaa kan Bilirubin jedhamu gargaarsa Tiruun pirootinii albumin jedhamuun erga walitti dhufanii booda bobbaa waliin bahuun dhabanidha. Yeroo hedduu yeroo keemikaalli kuni dhiiga keessaa yogguu 7 mg/dl ol tahuu, halluun keelloo ija fi gogaa irratti mul’achuu eegala. Keessattu daa’imman yeroon hin gahiin dhalatan hedduun dhibee kanaan miidhamu.

Keelloo tahuu Ijaa fi gogaa daa’imman reefu dhalatanii maaltu sababaa?

Keemikaalli kana akka dhiiga keessatti dabalu kan taasisan keessaa muraasni:-

  1. Miidhamuu Tiruun.

  2. Infeekshinii garagaraa kan akka Vaayiraasii Tiruu gosa B, C

  3. Infeekshinii qaamaa keessaa faca’aniin (Sepsis)

  4. Sababii addaa addummaa gosa dhiigaa fi antiijinii daa’immanii fi haadhaan

  5. Haati Rh-ve fi daa’imni Rh+ve yoo tahan

  6. Haati Gosa dhiigaa O fi daa’imni gosa dhiigaa A ykn B yoo taate

  7. Nyaatni daa’immanii gahaa tahuu dhabuu

  8. Dhangala’aan qaamaa isaanii keessaa yoo hir’atu (Ol deebisuun, garaa kaasaan ykn immoo harmi haadhaa gahaa tahuu dhabuun)

  9. Da’umsaan wal qabatee qaamni daa’imaa miidhamuun yoo dhiigni kuufame

  10. Dhiigni diimaa qaamaa keessaa yoo baay’ate

  11. Kana malees rakkoolee genetiksiin wal qabataniin kan dhufan fa’a.

Ijaa fi gogaa daa'imman reefu dhalatanii bifa keelloo tahuu

Keelloo tahuu ijaa fi gogaa daa’imman reefu dhalatanii

Mallattooleen keelloo tahuu ijaa fi gogaa daa’imman reefu dhalatanii

  1. Ijii fi gogaan isaan Keelloo tahuu

  2. Harma haadhaa hodhuu/luuguu dadhabuu

  3. Fajajuu yookiin tapha hir’isuu

  4. Gaggabdoo

  5. Ho’i qaamaa dabaluu

  6. Of wallaaluu

Rakkoo akkamii fiduu malaa?

Rakkooleen dhibee kanaan wal qabatan kan rakkoo yeroo gabaabaa (Acute)fi rakkoo yeroo dheeraatti qoodamu.

Rakkoo yeroo gabaabaa:- (Acute bilirubin encephalopathy)

  1. Keemikaalli bilirubin jedhamu kuni gara sammuutti faca’uun rakkoo biraaf saaxila

  2. Hubamuu sirna hargansuu

  3. Du’aaf saaxilamu

  4. Harma hodhuu dadhabuu

  5. Hir’ina guluukoosii qaamaa keessaa hir’isuu

  6. Yaalamuu yoo dhabe gara rakkoo yeroo dheeraatti jijjiiramu

Rakkoo yeroo dheeraa:- Chronic bilirubin encephalopathy (Kernicterus)

  1. Dalagaa maashaalee ni huba

  2. Guddina fi bilchina sammuu ni huba

  3. Dandeetti yaaduu ni huba

  4. Dandeettii dhagahuu ni huba

  5. Gaggabdoof saaxilamu

Maal gochuu qabnaa?

  1. Akkuma mallattoo kana argineen dafnee manaa geessuun qorachiisuu qabna. Kuni dhawwaatuma tureen rakkoo caaluuf saaxilaa waan deemuuf qorannoo tursiisuun gaarii miti.

  2. Harma haadhaa qajeelloon hoosisuu

  3. Hordoffi ulfaa karaa sirriin taasisuun gosa dhiigaa fi antiiginii beekuun waan godhamuu qabu raawwachuu.

  4. Garaagarumman gosa dhiigaa fi antiijinii yoo jiraate da’umsa booda hanga keemikaala Bilirubin dhiigaa daa’imaa keessaa jiru qorachiisuu.

  5. Daa’umsaan wal qabatee dhiigni kuufame yoo jiraate hakiima bira deemuun hordoffii taasisuu

  6. Qulqullina daa’imaa eeguu akkas infeekshiniif hin saaxilamne gochuu

  7. Yaala kennamuu qabu irratti seeraan hordofuun rakkoo yeroo gabaabaa fi dheeraaf akka hin saaxilamne gochuu fa’a.

0 views0 comments

Комментарии

Оценка: 0 из 5 звезд.
Еще нет оценок

Добавить рейтинг
bottom of page